Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti gaaffii mana jireenyaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 16, 2018(FMC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gaaffii mana jireenyaa deebisuufi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaan jira jedhe.

Bulchiinsi magaalichaa tumsa mootummaa, tola ooltotaafi dhuunfaan manneen hedduun ijaaramuun lammiileen karaa haqa qabeessa fayyadamoo ta’uu ibseera.

Haaluma Kanaan filmaatawwan garaagaraan manneen ijaaruun dhiyeessii manneen jireenyaa irratti bu’aa jajjabeessaan argamuu eereera.

Bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechuun fedhii mana jireenyaa dabalaa dhufe guutuufi waliin gahuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru ibseera.

Hanga ammaatti sagantaa Kondominiyeemiin manneen kumni 100 fi kumni 39 fi 8, namoota harka qalleeyyiifi biyyaaf oolmaa oolaniif manneen kumni 40 fi 576, manneen kiraa bulchiinsa magaalichaan ijaaraman kumni 24 fi 819 akkasumas Riil Isteetiin, waldaa fi misoomsitoota dhuunfaan manneen kumni 100 fi kumni 75 fi 605 ijaaramuu eereera.

Manneen kumni 300 fi kumni 80 ol fayyadamtootaaf dabarfamuu ibsuun, yeroo itti aanuttis filmaatawwan garaagaraa fayyadamuun gaaffii mana jireenyaa lammiilee deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.