Mootummaan naannoo Oromiyaa miidhaa dubartootarra gahu ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira
Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Ayyaanni guyyaa Riibaanii Adii sadarkaa biyyaafi Naannoo Oromiyaatti yeroo 20ffaaf mata duree “Hawaasa miidhaa obsuu hin dandeenye ijaarsa dhalootaaf!” jedhuun Magaala Adaamaatti deemsa lafootiin kabajamaa jira.
Miidhaa dubartootarra gahu ittisuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uutu ibsame.
Guyyaan Riibaanii Adii dhimma yakka dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu balaaleffachuu fi hubannoo uumuuf kaayyeffatee kan kabajamu sochii addunyaalessaa yoo ta’u, miidhaa koorniyaa dubartootaarra ga’u dhaabsisuuf kan eegaleedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas, Miidhaa dubartootaafi daa’ïmmanirra ga’u hir’isuuf imaammata, qajeelfamootaafi inisheetiiviiwwan garaagaraa hojirra oolchuun fooyya’insi gaarii akka dhufu xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.