Dooktar Geediyoon Xiimootewoos Pirezidaantii bakka bu’aa COP32 ta’uun ramadaman
Finfinnee, Sadaasa 17, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootewoos Pirezidaantii bakka bu’aa COP32 ta’uun ramadamaniiru.
Bu’uura hammattoo Konveenshinii jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomaniin Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP 32 kan qopheessitu ta’uu hordofee mootummaan Itiyoophiyaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootewoosiin Pirezidaantii bakka bu’aa COP32 gochuun ramadeera.
Dooktar Geediyoon hoggantoota mootummaa biyya keessaa, qaamolee Mootummoota Gamtoomaniifi qaamolee deeggartootaa idil-addunyaa waliin ta’uun qophii COP 32 kan hogganan ta’uu Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
Mootummaan Itiyoophiyaa biyyoonni miseensonni Konveenshinii jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf itti gaafatamummaa waan kennaniifiif galateeffachuun qindeessummaa Dooktar Geediyoon Xiimootewoosiin hawaasa eegumsa qabeenya qilleensaa addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uus ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.