Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay fi Waamamaa Gamtaa Afrikaa Aleeksiis Laameek waliin mari’ataniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii waggoota dheeraa lakkoofsise boqonnaa haaraa irra gahuu marichaan ibsameera.
Hariiroon biyyoottan lameenii tumsa ji’oo istiraateejikiin, bu’uuraalee misoomaan, waljijjiirraa aadaafi misooma dhaabbileen jabaachaa dhufuun eerameera.
Yeroo dhiyoo asitti hariiroo cimaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon gidduu jiruun hariiroon biyyoottan lameenii sadarkaa olaanaarra gahuun ibsameera.
Faransaay ajandaa jijjiiramaa Itiyoophiyaa, eegumsa hambaalee, inisheetiiviiwwan bulchiinsa gaarii, adeemsa diimookiraatummaa, fooyya’iinsa teeknooloojii, ijaarsa dhaabbileefi adeemsa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu deeggaraa akka jirtus kaafameera.
Obbo Adam Faaraah ibsa taasisaniin, hoggansa Paartii Badhaadhinaan dameewwan siyaasaa, hawaasummaa, diinagdeefi dippiloomaasiin milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru jedhan.
Damee siyaasaan hoggantoonni paartilee dorgomtootaa hoggansa mootummaa irratti ramadamuun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Riifoormii dhaabbileef xiyyeeffannoon kennamuus kaasanii, akka fakkeenyaatti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dandeettii isaa cimsuun filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf gahumsa qabaachuu dubbatan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaas waldhabdeewwan furuufi tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsuuf marii biyyaalessaa hunda hammataa ta’e gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Laameek gama isaaniin, hoggansa Paartii Badhaadhinaan jijjiirama Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru dinqisiifataniiru.
Keessumaa jijjiiramoonni magaalaa Finfinneetti baatiiwwan 18 darban keessatti mul’atan kan dinqisiifatamanidha jedhan.
Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti ce’umsa olaanaa gaggeessaa jiraachuu kaasanii, kanaaf ammoo riifoormiin siyaasaa Paartii Badhaadhinaa, fooyya’iinsi diinagdeefi hirmaannaa isheen waltajjiiwwan idil addunyaa irratti taasisaa jirtu gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.