Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessituuf filamuun bu’aa dippiloomaasiti – MDhA
Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC)- tiyoophiyaan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii (COP 32) akka qopheessituuf filatamuun bu’aa dippiloomaasii bu’aa qabeessatti jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Dubbi Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee damichaan hojjetaman ilaalchiisuun ibsa torbee kennaniiru.
Ibsa isaaniin, torban darban hojiileen bu’aa qabeessi kan itti raawwataman ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan COP32 fi yaa’ii biyyoota garee 20 irratti akkaataa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiiseen hirmaannaa taasisu dubbataniiru.
Biyyoonni garaagaraa Itiyoophiyaatti Embaasii banuu kan eeran Ambaasaaddar Nabiyaat , lammiilee haala rakkisaa keessa jiran hojiin gara biyyaatti deebisuu cimee itti fufuus ibsaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.