Morkii Waancaa Afrikaaf darbuu fi sadarkaa 3ffaa argachuuf Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gidduutti taasifamu
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii morkiin Waancaa Afrikaaf darbuu fi sadarkaa 3ffaa argachuuf har’a gita isaa Keeniyaa waliin taasisu ni eegama.
Taphni murteessaan biyya Waancaa Afrikaaf darbuu fi sadarkaa 3ffaa bahu adda baasuuf taphatamu kun har’a guyyaa sa’aatii 6:00 eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatama.
Jeeddaloonni Diimtuun Waancaa Afrikaa qopheessummaa Moorokoon gaggeeffamuuf darbuuf morkiin xiiqii har’a taasisan ni eegama.
Dargaggoonni kunneen waggoota 22 booda waltajjii sadarkaa Afrikaa kanarratti hirmaachuuf falmatu.
Waaree booda sa’aatii 9:30 jalqabee biyyoonni Waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffatan Taanzaaniyaa fi Ugaandaan waancaaf taphatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.