Fooyya’iinsi diinagdee gooroo dirree gabaa kaappitaalaa mijataa uume- Dooktar Iyyoob Takkaallinyi
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi fooyya’iinsi diinagdee gooroo dirree gabaa kaappitaalaa iftoomina qabu, mijataafi tilmaamamuu danda’u uumeera jedhan.
Yaa’ii 2ffaan Naannawaa Gabaa Kaappitaalaa Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Iyyoob Takkaallinyi wayita kana Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa akka dhaabbata haaraatti osoo hin taane akka dhaabbata buleeyyiitti sirna faayinaansii irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiru ibsan.
Gabaan kaappitaalaa guddina diinagdee fi hirmaannaa damee dhuunfaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsuun, gama kanaan Abbaan Taayitichaa hojiilee milkaa’ina qaban hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Riifoormiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaa gabaa kaappitaalaa iftoomina qabu, mijataafi tilmaamamuu danda’u uumuu kaasanii, kuufama maallaqaa baankilee guddisuufi carraa hojii bal’aa uumuus ibsaniiru.
Kana malees dirreen sirna faayinaansii gabaan durfamuufi dorgomaa uumamuu fi Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaas sirna faayinaansii si’eessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tahilliquu gama isaaniin, Abbaan Taayitichaa hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Waggoottan muraasa darbanitti hojiilee sirna faayinaansii biyyattii ammayyeessan hedduu hojjechuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Galma isaa milkeessuufis dhaabbilee faayinaansii naannawichaafi idil-addunyaa waliin tumsa cimaa uumuu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.