Guyyaa tokkotti dargaggoota kuma 30 hojii eegalchiifne – Kantibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Har’a guyyaa tokkootti dargaggoota kuma 30’f carraa hojii uumneerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinee Adaanech Abeebeen.
Dargaggoonni har’a hojii eegalan kunneen waltajiiwwan adda addaarratti dhimma carraa hojii ilaalchisee mariiwwan gaggeeffamaa tureerratti gaaffii kaasaa kan turaniidha jedhan.
Dargaggoonni kunneen Qonna Magaalaa, Maanuufaakcheriingii, Ijaarsa, Daldala, Tajaajilaa fi dameewwan hojii biroorratti bifa addaan hojiirratti bobba’uu eeran.
Sosochiin guyyaa tokkotti dargaggootaaf carraa hojii uumuu yeroo itti aanu illee bifa addaan cimee akka itti fufu kaasan aadde Adaanech Abeebeen.
Bulchiinsi magaalichaa yeroo itti aanu carraa hojii uumuu fi lammiilee carraaqqatan horachuuf damee hundaan tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.