Qulqullinafi oomishtummaa bunaa guddisuun galma ummata dinagdeen humnoome umuuf qabanne kan dhugoomsudha! – Pir.Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) –Qulqullinafi oomishtummaa bunaa guddisuun galma ummata dinagdeen humnoome umuuf qabanne kan dhugoomsudha jedhan Pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa galma dinagdee cimaa ijaaruu qabate milkeessuuf imaammataafi inisheetivoota bocuun baay’inaafi gosoota omishaalee al-ergii guddisuu, hundaa’ol immoo, fayyadamummaa qotee bulaa dhugoomsuufi qonnaa ceesisuuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa tureera.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2011’tti ‘Labsii Naqamteetiin’ inisheetivii misooma bunaa erga ifoomsee booda qulqullinaafi baay’ina bunaa dabaluun al-ergii bunaa irraa sharafa argamu akkasumas, galii qonnaan bultoota guddisuu irratti baldhinaan hojjatameen jijjiramni abdachiisaan argameera.
Waggoota jijjiiramaa dura, Oromiyaan haala mijaawaa omisha bunaaf ta’u, biyyoofi qilleensa mijaawaa, qabaattus, dilbii kana fayyadamuun buna qulqullina olaanaa qabu baay’inaan gabaa idil-addunyaatti dhiyeessuu hin dandeenye. Kana furuuf, mootummaan tarkaanfii haaraa kanaan, hudhaalee omisha, qulqullinaafi dhiyeessii bunaarra jiru adda baasuun, kallattii furmaataa kaa’uurratti hojii bal’aa hojjateera.
Hudhaalee kana maqsuudhaan, galma inisheetivii bunaa qabame milkeessuuf hojiileen bu’uuraa xiiqiin raawwatamuu qaban:- gosoota bunaa amala biyyoofi haala qilleensaa baldhaa qabnu waliin deemuu danda’u qopheessuu irratti baldhinaan hojjachuu, buna sadarkeessuu, mala adeemsa omisha bunaa ammayyeessuu (malaafi qajeelfama qabiinsa bunaa, funaanuu irraa hanga gabaa giddugaleessaa jiru diriirsuu), ittifufiinsafi sirna hordoffii cancala bunaa maasii qotee bulaatii hanga gabaa jiru hammate diriirsuun seeraafi nageenya omishaa mirkaneessuu cinaatti, fedhii fayyadamtootaa dabalaa jiru guutuu kan ilaallatuudha.
Inisheetiviin kun, omishtummaafi qulqullina bunaa dabaluuf, funcaa omishaa maasii qonnaan bulaarraa hanga gabaa/fayyadamtootaa jiru sirneessuun hojiirra oolchuu, akkasumas qulqullina bunaa sadarkeessuun, jijjiiramni waaraan akka dhufu taasisuudha. Kunis sirna omisha bunaa keessatti saayinsiifi teknoolojii kan bu’uureffate ta’uu qabaata.
Bu’uuruma kanaan, hojii hanga ammaatti hojjetameen, gama tokkoon omishni bunaafi qulqullinni isaa kan dabale yoota’u, qoodni naannoon Oromiyaa al-ergii bunaa biyya keenyaa keessaatti qabdu waggaa waggaan daran guddachaa kan dhufeedha.
Bara baajataa 2017tti buna naannichatti omishamuun, gabaa giddugaleessaaf dhiyaate toonii kuma 500 ol keessaa tooniin kuma 400 gara gabaa alaatti ergameera. Akka naannootti bara omisha kana 2018tti immoo omisha bunaa kuntaala miiliyoona 16 oli walitti qabuun toonii kuma 600 gabaa biyya alaaf dhiheessuuf karoorfamee xiyyeeffannoon hojjatamurratti argama.
Walumaagalaatti, qulqullinaafi omisha bunaarratti ciminaan hojjachuun, fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun, dorgomummaa omishni bunaa keenyaa gabaa idil-addunyaarratti qabu dabaluun galma ummata dinagdeen humnoome umuuf qabnu kan milkeessudha. Kanaafis, dhimmi ququllina bunaa dhimma xiyyeeffannoo guddaa sadarkaa hundatti barbaadu waanta’eef, omishtoonnifi qooda fudhattoonni cancaala gabaa bunaa, akkasumas caasaan sadarkaa jiru kamuu xiyyeeffannoo addaa kennuu qabaata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.