Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa manneenii kuma 26 eegalchiisan
Finfinnee, Sadaasa 25, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa manneenii kuma 26 teeknooloojii ammayyaan deeggarame eegalchiisaniiru.
Karoorawwan ijoo bara kana qabanne keessaa inni duraa jiraattota magaalaa keenyaaf dhiyeessii manneen jireenyaa waliin gahuudha kan jedhan aadde Adaanech, bara kana manneen kuma 100 ol ijaaruuf karoorri qabamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Karoora kana qulqullinaafi ariitiin raawwachuuf teeknooloojii ijaarsaa akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’e Cold-Formed Steel (CFS) fayyadamuun filannoo jalqabaa godhachuun guyyaa har’aa hojii eegalchiisneerra jedhan.
Warshaan teeknooloojii kanaa Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti ijaaramuu ibsuun, ariitii ijaarsaa guddisuuf, baasii hir’isuufi qulqullina fooyyessuuf filatamaa ta’uu kaasaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa gaaffii jiraattotaa deebisuufi fayyadamummaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.