Dhiibbaa daldalli seeraan alaa galii biyyaa irratti fidu ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jira – Biiricha
Finfinnee, Sadaasa 25, 2018 (FMC) – Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa sababa daldala seeraan alaan dhibbaa galii mootummaa irratti dhufu ittisuuf qindoominaan hojjechaan jira jedhe.
Biirichatti Daayireektarri Daayreektooretii Barumsa Kaffalaa Gibiraa fi kominikeeshinii obbo Tsaggaayee Abdiisaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, biirichi bara kana galii birrii biliyoona 200 fi biliyoona 87. 44 walitti qabuuf karoorsee, hanga baatiiwwan arfan darbaniitti birrii biliyoona 92.61 walitti qabeera.
Kunis karoora baatii afuriif qabame irraa % 103 oliin, kan waggaaf qabame irraa ammoo % 32.22’n kan raawwatamee dha.
kan bara darbee yeroo wal fakkaataa walin yoo madaalamus % 61 oliin caalmaa argisiiseera.
Birichi raawwii gaarii bara darbe akka naannoo the galmasse baranas caalmaatti milkeessuuf Xiyyeeffannoon hojjetaa jiras jedhan.
Raawwiin jin karoora qabame waliin yoo ilaalamu gaarii ta’us, akka naannichatti galiin sassaabamuu malu guutummaatti galaa jira jechuu akka hin taane dubbatanii, kanaafis galii beeksisuu dhabuun, naga’ee muruu dhiisuu fi daldalli seera alaa sababa akka ta’an eeraniiru.
Rakkoolee kanneen sirreessuufis kaffaltoota gibiraaf barnoota hubannoo cimsuu kennuu irraa eegalee, to’annoo fi hordoffiin barbaachisu geggeeffamaa jira jedhan.
keessumaa daldala seeraan alaa daldaltoota seera-qabeeyyii irratti dhiibbaa geessisuu fi galii mootummaaf galuu malu hambisuun guddina biyyaa irratti dhibbaa geessisu furuuf koree too’annoo hundeessuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsan.
Keessumaa caasaalee Biiroo Daldalaa fi qaamolee Nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu eeran.
Hawaasnis rakkoo kana hubachuun warreen galii mootummaa dhoksanii fi daldaltoota seeraan alaa saaxiluun tarkaanfii sirreessaa akka mootummaatti fudhatamaa jiru akka tumsu dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.