Guyyaan Saboota Sab-lammootaafi Uummattootaa eenyumaa waloo Itiyoophiyaanotaa kan cichoomsuudha –Obbo Aganyahu Tashaagar
Finfinnee, Sadaasa 29, 2018 (FMC) – Kabajni guyyaa Saboota Sab-lammootaafi Uummattootaa eenyummaa waloo Itiyoophiyaanotaa kan cichoomsuudha jedhan Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.
Guyyaan Saboota Sab-lammootaafi Uummattoota 20ffaan mata duree ‘Walii Galtee Diimokiraatawaa Tokkummaa Sabdaneessaaf!’ jedhuun naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hoosaa’inaatti kabajamaa jira.
Kaayyoon kabaja guyyaa saboota, sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa inni guddaan hariiroo ummattootaa cimsuu, sabdaneessummaa dagaagsuu, obolummaa fi walummaa babal’’isuun Itiyoophiyaa sabdaneetti hunda qixa hirmaachistu ijaaruudha jedhan obbo Aganyahu Tashaagar saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Ayyaana sabdaneessummaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabuudha.
Sabdaneessummaan ummattootaa Badhaadhina Itiyoophiyaa mirakeessuuf karaa sirrii ta’uu kaasan.
Waltajjii muuxannoowwan keenya walirraa qooddachuun faayidaa biyyaalessaaf oolchinuudha jechuun dubbatan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.