Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa addunyaa ta’uun galmaa’e
Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbatni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Ayyaana bara haaraa Walaayittaa Giifaataa hambaa Kiliyaa addunyaa taasisuun galmeesse.
Yaa’ii 20ffaa Koree Hambaa Kiliyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii Hindi Niwuu Deelhiitti gaggeeffamaa jiruun Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’eera.
Ayyaanni kun umrii, saala, amantii fi sadarkaa hawaasaa osoo hin qoodin hunda hirmaachisuun kan kabajamu ta’uu isaan hambaa Kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.