Fana: At a Speed of Life!

Hawaasnii fi dhaabbileen hundi malaammatummaa ittisuurratti abbummaan qabsaa’uu qabu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC)- Hawaasnii fi dhaabbileen hundi malaammatummaa ittisuurratti abbummaan qabsaa’uu qabu jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Guyyaan Farra Malaammaltummaa Idil Addunyaa 22ffaan Sadarkaa magaalaa Finfinneetti kabajameera.

Kantiibaa Adaanech Waltajjicharratti argamuun haasawaa taasisaniin, waggoottan jijjiiramaa darban malaammaltummaa irratti qabsaa’uun hannaa qinda’aa mootummaa hambisuun danda’ameera jedhan.

Malaammaltummaan farra badhaadhinaa ta’uu kaasuun, guyyaa farra malaammaltumaa idil addunyaa wayita kabajnu malaammaltummaa ittisuuf murannoo qabnuu fi waadaa galame haaromsuuf ta’uu akka qabu dubbatan.

Waggoottan darban akka biyyaattiis ta’e akka magaalichaatti qabeenya uummataafi mootummaa misoomarra oolchuun hojiileen aja’ibsiisoon hojjetamuun bu’aan argameera jedhan.

Hojmaatiilee Malaammaltummaa saaxiluu danda’an diriirsuun malaammaltummaa hundeerraa maqsuuf hojiileen riifoormii garaagaraa hojjetamaa jiraachuus eeran.

Adeemsa kana keessatti maatiin, haawaasni, dhaabbileen Amantaalee, Manneen Barnootaa, dhaabbiilee mootummaa fi Waldaalee Siviikii dabalatee dhaabbilee hundi maalmmaltummaarratti qabsaa’uu qabu jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.