Waldaa arjoomtoota dhiigaa Dargaggoota biyyaalessaa magaalaa Finfinneen dhiigni Yuunitiin kumni 26 ol walitti qabame
Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Tajaajilli Baankii Dhiigaa Itiyoophiyaa bara bajataa 2018tti Waldaa arjoomtoota dhiigaa Dargaggoota biyyaalessaa magaalaa Finfinneen dhiigni Yuunitiin kumni 26 ol walitti qabame jedhe.
Tajajilichi sagantaa beekamtii kennuu dargaggootaa waqtii gannaa fi sirna eegalchiisaa bara 2018 magaalaa Adaamaatti gaggeesseera.
Miseensoonni waldichaa kaka’umsa mataa ofiin dhaabbiin dhiigaa arjoomuu isaaniif galata guddaa qabu jedhan Daayrekterri olaanaan tajaajilichaa Dooktar Ashannaafii Taazzabaw.
Gara fuulduraa cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Magaalaa Finfinneetti hanga ammaatti Dhiigni Yuuniitiin kumni 30 fi 300 walitti qabamuu Tajaajilichatti dursaan arjoomtootaa Dooktar Mallaash Galaaw eeraniiru.
Kana keessaa kumni 26 fi 588 waldaa Arjoomtoota dhiigaa dargaggoota biyyaalessaan walitti qabamuu dubbatan.
Tashaalee Shaanqootiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.