Ministeerichi Konkolaattota, Doqdoqqeewwanii fi Paampiiwwan naannoleef raabse
Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC) – Ministeerri Qonnaa Pirojeektiiwwan garaagaraatiin kan bitaman konkolaattota hojii dirree 267, Doqdoqqeewwan kuma1 fi 854, paampiiwwan bishaanii kuma 2fi 289 fi meeshaalee tajaajilaa gargaaraa naannoleef deeggarsaan kenneerra.
Haaluma kanaan sagantaa sirna nyaataa cimsuun kan bitamanifi hojii dirreef kan oolan Konkolaattota 258, -Doqdoqqeewwan kuma 1 fi 830, Sagantaa Funcaa misooma qamadii jijjiirama qilleensaa dandamatuun kan bitaman, Paampiiwwan bishaan harkisan kuma 2 fi 289 dabalatee meeshaalee suphaaf oolaan Naannolee 12fi Biirolee qonnaa bulchiinsa magaalotaa hundaaf deeggarsaan kenneera.
Meeshaaleen deeggarsaan kennaman kunniin Birrii biiliyoona 2 oliin kan bitaman ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.