Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu biyyoota biroon dorgomuufii osoo hin taane dhimma birmadummaati – Obbo Moggaa Abbaabulguu

Finfinnee, Mudde 10, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu biyyoota biroon dorgomuuf osoo hin taane birmadummaa ishee mirkaneessuufi jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensi Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa obbo Moggaa Abbaabulguun.

Haqa seeraan ala dhabe kan gaafate dhaloota waanta’eef barbaaduu qofa osoo hin taane yeroon itti argachuu qabnullee amma jedhan.

Itiyoophiyaan karra galaanaa dhabuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuutii jechuun yaadachiisan.

Haa ta’uutii gaaffii Itiyoophiyaan eegalte gufachiisuuf ajandaaleen adda addaa bocamanii gara biyyattii ergamaa jiru jedhan.

Ta’us tattaaffiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu fi akka milkaa’uus abdii qabaachuu dubbatan.

Itiyoophiyaan yoo karra galaanaa argatte malee Gaanfa Afrikaatti nageenyi mirkanaa’uu akka hin dandeenye qaamni hundi hubachuu qaba jedhan.

Fedhiin ummataa, hojiin dippiloomaasii hojjetamaa jiruu fi seerri idil addunyaa Itiyoophiyaan karra galaanaa yeroo gabaabaa keessatti argachuu akka dandeessu agarsiiftuu ta’uu eeran.

Gaaffii fi hojiin dippiloomaasii hojjetamu nuffii malee karaa qindoominaa qabuu fi seera eegeen hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Gaaffiin Itiyoophiyaan gaaffachaa jirtu gaaffii sirrii fi seera qabeessa ta’uu hawaasni idil addunyaa hubachaa akka jiru dubbatan.

Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti biyya murteessituu fi karri galaanaa akka isheef malu hawaasni addunyaa deeggarsa isaanii mul’isuu eegaluu himan obbo Moggaa Abbaabulguun.

Yeroo ammaa kallattii garagaaraan ajandaa ta’ee hojiin dippiloomaasii qaama dhimmi ilaallatu hundaan hojjetamaa jira jedhan.

Karri galaanaa gaaffii mirgaa ta’uu biyya keessaa fi alatti hojiin hubannoo uumuu fi hubachiisuu karaa gurmaa’aa ta’een hojjetamaa jiraachuu eeran obbo Moggaa Abbaabulguun turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.