Fana: At a Speed of Life!

Galmoota ijoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030…

Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) -Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisaniiru.

Galmi Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 karaa guutuun milkaa’eeera, Diijitaal Itiyoophiyaan 2030 ifatti eegaleera jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Teeknooloojiin Diijitaalaa kun kan namarratti xiyyeeffate ta’ee, jireenya lammiilee jijjiiruuf gahee olaanaa qabaachuu himan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Galmi jalqabaa lammiileen hundi bakka jiranitti tajaajila barbadan argachuu akka danda’an uwwisa guddisuu ta’uu himan.

Lammiileen carraa qixa akka argatan sirna dandeessisu ijaaruun ammoo galma 2ffaa ta’uu eeran.

Koorniyaa, miidhama qaamaa fi fageenyaan osoo hin daangeffamin carraa jiru qixa akka argatan sirna uumuun murteessaa ta’uu kaasan.

Lammiilee fi dhaabbilee gidduutti amanamummaa uumuun galma 3ffaa Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 ta’uu ibsan.

Walgahiinsa babal’isuu, lammiileef qixa carraa uumuu, akkasuma dhaabbilee fi lammiilee gidduutti wal amantaa jiru guddisuun tarsiimoo ijoo fi bu’uuraa ta’uu eeran.

Kaayyoon kun akka milkaa’uu bu’uuraalee misoomaa Diijitaalarratti hojii guddaa hojjechuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.