Ergaa Waajjira Ministira Muummee
Kitaabileen Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’an (Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuu, fi Mootummaan Ida’amuu) namarratti xiyyeeffachuun imala diinagdee damdaneessaan yeroo gabaabaa keessatti Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuuf gargaaraniiru.
Yaadamoonni kitaabilee kanneen keessatti ka’an yaadarra darbee qabatamaan kan mul’ataniifi dhaloota abdii kan gonfachiisanidha.
Yeroo ammaa kitaabileen kunneen maxxansaan ala sagaleetti hiikamuun appilikeeshiniin dhiyaataniiru.
Waltajjii appilikeeshiniin kun itti ifoome irrattis hojiileen waggoottan jijjiiramaa darban yaadama Ida’amuun hojjetamanii fi bu’aaleen galmaa’an gabaastota dhaabbii Waajjira Ministira Muummeen xiinxalamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.