Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbiileen Federaalaa yeroo gara yerootti jijjiiramaa dhufan- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah waggoottan darban hojiilee hirmaachiisaa fi hammataa hojjetamaniin dhaabbiileen federaalaa yeroo gara yerootti jijjiiramaa dhufaniiru jedhan.

Obbo Adam Faaraah turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa akka paartii biyya bulchuutti Itiyoophiyaanoota hunda akka miseensaa fi hoggansaatti kan hammateedha.

Beekamtiin Mana Maree Federeeshiniirra kan kennameef Saboonni, Sablamoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa hundi hoggansummaan paarticha keessa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbiileen federaalaa Itiyoophiyaa akka fakkataniif Siviil saarvantii fi hoggansa ta’anii akka tajaajilaniif carraan uumamuus dubbataniiru.

Haaluma kanaan waggoottan darban hojiilee hojjetamaniin, dhaabbiileen federaalaa haalli Itiyoophiyaa itti fakkataa dhufan uumameera jedhan.

Wayita ammaa naannooleetti bu’uuraaleen misoomaa dhaabbiilee federaalaan ijaaraman haqa qabeessa ta’uun isaanii guddinni wal madaalaan akka jiraatu taasiseera jedhan.

Fuulduratti garaagarummaa raawwii dhiphisuun badhaadhina hungaleessa mirkaneessuuf imalli taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Abiy Geetaahuuniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.