Oromiyaatti hanga ammaatti pirojektonni bishaanii 364 ol xumuraman
Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC) – Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa bara kana pirojektoota bishaanii kuma 2 fi 266 ijaaruuf karoorfatee hanga ammaatti pirojektoota 364 xumureera jedhe.
Biirichi dhiyeessii Bishaan qulqulluu guddisuun ummata naannichaa fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Biirichatti Daayrektarri Daayrektoreetii Kominikeeshinii fi Qunnamtii Ummataa obbo Masfiin Tasfaayee Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Biirichi galmoota guguddoo afur qabatee xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu obbo Masfin eeraniiru.
Galmoonni kunneenis dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fooyyeessuun ummata naannichaa fayyadamaa taasisuu, itti fufiinsa kenniinsa tajaajila Iskiimoota bishaan dhugaatii mirkaneessuu, teeknooloojii inarjii haaroomfamaa babal’isuun jiruuf jireenya hawasaa ammayyeessuu fi pirojektoota hojjetaman keessatti carraa hojii uumuu ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Biirichi bara darbe pirojektoota bishaanii baajata mootummaa, hirmaannaa uummataa fi sagantaalee garaagaraan kuma 3 fi 274 ijaaruun ummata miiliyoona 1 fi kuma 500 ol fayyadamoo taasisuu kaasaniiru.
Bara kanaas xiyyeeffannoo mootumman naannichaa seektarichaaf kenneen hanqina dhiyeessii bishaanii baadiyyaa fi magaalaa furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara 2018 pirojektoota buleeyyii fi haaraa kuma 2 fi 266 hojjechuuf karoorfamuus dubbataniiru.
Pirojektonni kunneen kan ijaaraman baajata mootummaa, hirmaannaa uummataa fi deeggarsa Sagantaalee garaagaraarraa argamu Birrii biiliyoona 62 oliin ta’uu himaniiru.
Pirojektonni kunneen wayita xumuraman ummata miiliyoona 3.1 ol fayyadamoo taasisu jedhan.
Hanga ammaattis Pirojektonni 364 Birrii biiliyoona 12 oliin ijaaraman xumuramuun haawasa kuma 1fi kuma 58 ol fayyadamoo taasisuu eeraniiru.
Pirojektoota hafan yeroo qabame keessatti xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.
Hawaasni pirojektoota bishaanii kanneen sirnaan akka itti fayyadamaniifi kunuunsan dhaamaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.