Badhaadhinni Itiyoophiyaa diinagdee magariisaa kan bu’uureffate akka ta’uuf hojjetamaa jira- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Mudde 18, 2018 (FMC) – Badhaadhinni Itiyoophiyaa diinagdee magariisaa kan bu’uureffate akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Fooramiifi Egzibiishiniin Sosochii Itiyoophiyaatti faalama hiri’suu 2025 eegalameera.
Obbo Tamsgeen Xurunaa wayita kana Itiyoophiyaan hojiilee ijaarsa diinagdee magariisaa bal’aa hojjechaa jirti jedhan.
Itiyoophiyaatti jijjiirama guutuufi badhaadhina fiduuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, misoomni waaraafi jijjiiramni kun diinagdee magariisaa kan bu’uureffate akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, muddamni magaalotaafi dhiyeessiin humnaa gadi aanaan qormaatilee misoomaa ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan rakkoolee kanneen hubachuun furmaata fiduuf hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo Itiyoophiyaan misooma magariisaaf kennite isheerra darbee addunyaaf kan hafudha jedhan.
Ashaaraa Magariisaa fi humna haaromfamuun bu’aan kan argame Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi uummanni kutannoon waan hojjetaniif ta’uu hubachiisaniiru.
Mootummaan hojiiwwan damichaan eegale cimsiee akka itti fufuu mirkaneessuun, fooramii fi egzibiishiniin sosochii faalama hir’isuu 2025 sagantaa faalama hir’isuu Itiyoophiyaa ni gargaaras jedhan.
Laykun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.