Manni Kitaabaa yaadannoo barreessaa walaloofi yeedaloo artist Yaayyehiyiraad Alaamirroo eebbifame
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Manni Kitaabaa yaadannoo barreessaa walaloofi yeedaloo artist Yaayyehiyiraad Alaamirroo guyyaa har’aa eebbifameera.
Kitaabileefi ragaalee biroo artistichi wayita lubbuun jiru itti fayyadamaa ture qindeessuun Manni Kitaabaa yaadannoo isaa Tajaajila Kuusaa Ragaaleefi Mana Kitaabaa Itiyoophiyaatti eebbifameera.
Saganticharratti Ministira Gorsaa Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaa, Ministir Deetaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Nabiyyuu Baayyee, Hojii Raawwachiisaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoo dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.
Obbo Geetaachoo Raddaan wayita kana artist Yaayyehiyiraad kitaabaaf iddoo olaanaa qabaachuu kaasanii, kitaabileen isaa walitti qabamuun kan dinqisiifatamuufi artistichaaf yaadannoo guddaa ta’uu ibsan.
Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Kuusaa Ragaaleefi Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsa Fireesibaat gamasaaniin, Yaayyehiyiraad nama aartii cimaa qormaata ulfaataa walaloon sirbaa qabu keessa darbe ta’uu eeraniiru.
Seenaa muuziqaa Itiyoophiyaa keessattis qooda olaanaa bahachuu kaasaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.