Galmoota Misooma Baadiyyaa…
Finfinnee, Mudde 22, 2018, (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee misoomaa fayyadamummaa uummataa sadarkaa olaanaan dhugoomsan hojiirra oolchaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii naannichaa.
Hojiileen sadarkaa garaa garaatti hojjetamaa jiranis galma yaadameef oolaa jiraachuufi fayyadamummaa uummataas sadarkaa olaanaan akka dabalaa jiran miseensoota Caffee Oromiyaatiin sirni deeggarasaafi hordoffii yeroo yeroon ni gaggeeffama.
Koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaas Godinaalee fi magaalota garaagaraa keessatti hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran daawwachuun akkasumas hawaasa waliin mari’achuun hawaasni misooma mootummaan hojjetamu irraa karaa haqa qabeessaan fayyyadamuu isaa deeggarsaafi hordoffii taasisaa jiru.
Haaluma kanaan Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti misooma baala shaayee daawwataniiru.
Godinichattii hojiileen hojjetamaa jiran abdii kan namaatti horaniifi aadaan hojii ummataa jijjiiramaa dhufuun galmoonni misooma baadiyyaa qabaman milkaa’aa kan jiran ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.