Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa guddummaa isheef murteessadha- Dooktar Tasfaayee Baljigee

Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC)_ Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa guddummaa isheef murteesaa fi hundi cichoominaan dhaabbachuufii kan qabu ajandaa biyyaalessaati jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Wamaamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen.

Gaaffiin karra galaanaa dhimma buufataa qofa miti kan jedhan Dooktar Tasfaayeen guddummaan Itiyoophiyaa kan itti murteeffamuu ta’uu eeraniiru.

Sirnoota darban keessa namoonni dhimma karra galaanaa kaasan namoota waraana barbaadaniifi gaaffichi sirrii akka hin taaneetti fudhataa turuun dogogoraa jedhan.

Ammas qaamolee seenessa dogogoraa kana irra deebi’an jiraachuu kaasuun, Itiyoophiyaanonni faayidaa biyyaalessaarratti waloon dhaabbachuu qabu jechuun ibsaniiru.

Fedhiin misoomuu Itiyoophiyaa akka milkaa’uuf hirmaannaan lammiilee guddachuu akka qabuufi nageenyaaf tasgabbii biyyaattii caalmaatti cimsuun barbaachiisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan Ida’amuu obbolummaan akka guddatuufi duudhaaleen caalmaatti akka mul’ataniifi ijaarsa mootummaaf bu’uura akka ta’aniif cidhoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhimma karra galaanaa ilaalchiisee gaaffiiin Itiyoophiyaan kaastu sababa gahaa fi amansiisaa qabaachuu ibsaniiru.

Marii dhiheenya kutaalee hawaasaa garaagaraa wajjiin taasifameen gaaffiin karra galaanaa bu’uura cimaa ummataa kan qabu ta’uun mirkanaa’uus kaasaniiru.

Diinota seenaa muraasaan alatti hawaasni idil addunyaa irra jireessi gaaffichi haqa qabeessa ta’uu hubachuu Dooktar Tasfaayeen dubbataniiru.

Dhimmoota ijaarsa mootummaaf murteessoo ta’anii fi faayidaa biyyaalessaa ta’an irratti lammiileen hundi ejjennoo walfakkaataa qabaachuu qabu jechuun hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.