Baankiin Invastimantii Siinqee Abbaa Taayitaa Gabaa Kaabbitaalaa Itiyoophiyaarraa eenyama hojii argate
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Baankiin Invastimantii Siinqee Abbaa Taayitaa Gabaa Kaabbitaalaa Itiyoophiyaarraa eenyama hojii argate.
Baankichi damee Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa keessatti qooda isaa bahachuuf eeyyama fudhatee ifatti hojii eegaleera.
Sagantaa jalqabsiisa hojii kanarratti Hojii Raawwachiisaan Baankii Invastimantichaa Girmaa Mul’ataa akka jedhanitti, eeyyamni baankiichaaf laatame seena qabeessaa fi bu’aa guddina ariifachiisaa inni galmeessisaa jiruuti.
Indaastirii baankiitti makamee yeroo gabaabaa keessatti raawwii faayinaansii olaanaa, guddina kaappitaalaa, cimina dhaabbattummaa fi gahumsa bulchiinsaa galmeessisuun Gabaa Kaappitaalaatti makamuu akka danda’e eeraniiru.
Baankiin Invastimantii Siinqee Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 80 ol invast godheera jedhan.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tahiliquu gamasaaniin, damicharratti bobba’uuf fedhii olaanaan jiraachuu kaasanii, dhaabbileen alaas damichatti makamuuf gaaffii dhiyeessuu ibsaniiru.
Guyyaa har’aa hojii isaa kan eegale Baankiin Invastimantii Siinqees baankii 5ffaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaatti makame ta’uu dubbataniiru.
Sammahaanyi Nigaatuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.