Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni Kuufamaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Tiiriliyoona 2 qaqqabe

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Maallaqni kuufamaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii Tiiriliyoona 2 qaqqabe.

Baankichi baatiiwwan jahan darbanitti Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 25 walitti qabuu ibseera.

Milkaa’ina gama kuufama maallaqaan argame kanas, miseensonni manaajimantii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa ifoomsaniiru.

Sagantaa kana irratti, Bakka Bu’aan Pirezidaantii fi pireezidaantii ittaanaan Raawwachiisaa Tajaajila koorporeetii obbo Efreem Makuriyaa, Hojjettoota, maamilootaa fi qaamolee milkaa’ina kana keessatti qooda qaban, galateefataniiru.

Milkaa’ina kuufama maallaqaan argame kana keessatti, tajaajilli Dijitaal baankiingi gahee guddaa akka gumaache pirezidaantii ittaanaan raawwachiisaa Biizinasii obbo Darajjee Fufaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.