Fana: At a Speed of Life!

Hanqina dubbisuu, barreessuu fi qoyyobannaa barattootaa hiikuuf hojjetamaa jira – BBO

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Hanqina dubbisuu, barreessuu fi qoyyobannaa barattootaa hiikuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf barnoota bu’uura boruurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Bultoosaa Hirkoon.

Hanqina dubbisuu, barreessuu fi qoyyobachuu hiikuuf barattootaa barnoota bu’uura boruu osoo hin baratin hafan tooftaa addaa akka baratan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Kanaafis barsiisoonni kumni 79 ol, raawwattoota sadarkaa jiran waliin leenjii akka fudhatan godhamuu dubbatan.

Istaandardii manneen barnootaa caalmaatti fooyyeessuuf suupparvaayizaroonni kuma 3 ta’an manneen barnootaaf deeggarsa gochaa jiraachuu kaasan.

Keessattuu daree barnootaa mijataa taasisuu, teessoo mijeessuu, mooraa mana barumsaa hawwataa gochuu,dhiyeessii meeshaalee barnootaa guutuu, hariiroo barataa fi barsiisaa, hawaasa barnootaa gidduu jiru cimsuu fi hanqina barsiisootaa guutuurratti hojjetamaa akka ture eeran.

Ga’umsa hoggansa manneen barnootaa cimsuuf kallattii fi maloota adda addaan leenjiin hubannoo cimsuu kennamaa jiraachuu Dooktar Bultoosaan himaniiru.

Biiroon Barnoota Oromiyaa hanqina barsiisoota furuuf yeroo ammaa kaadhimamtoota barsiisootaa kuma 3 ol simachuun Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun Koolleejjiwwan 6 keessatti digiriin barsiisaa jiraachuu kaasan.

Barattoonni qormaata sadarkaa naannoo fi biyyaalessaaf akkaan akka qophaa’aan sagantaan Tiitooriyaalii qophaa’ee hojiin ga’umsa isaanii cimsuus hojjetamaa jiraachuu eeran.

Raabsa kitaabaan walqabatee manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessatti hanga danda’ame kitaabilee waliin gahuuf yaalameera kan jedhan Dooktar Bultoosaan, yeroo ammaa kitaabileen manneen barnootaa sadarkaa 1ffaaf oolan miiliyoona 7 ol ta’an maxxanfamanii gara biyya keessaa galaa jiraachuu dubbatan.

Waliigalaan hojiilee hanga ammaatti hojjetamaniin jijjiiramni guddaan argameera jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.