Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti Daandiiwwan Kiiloometirri kuma 8 ol Suphaman – BDLO

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara kana Daandiiwwan maddoota baajataa garaagaraa kiilomeetira kuma14 fi 500 ol suphuuf karoorfameera jedhe.

Kana keessaa Suphaa idileen daandii kiiloomeetira kuma 7 fi 400 suphuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Injiinar Mohaammad Nuuraa Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Hanga ammaattis Daandiin kiiloomeetirri kumni 3fi 280 ol suphamuun tajaajila kennaa jiraachuu Injiinar Mohaammad dubbataniiru.

Baajata Fandii Daandii Naannootiin ammoo daandii kiiloomeetira kuma 7 ol suphuuf karoorfamuu eeruun, kana keessaa daandiin kiiloomeetirri kuma 4 fi 800 ol suphamuu ibsaniiru.

Baajata Fandii Daandii Naannootiin Birrii biiliyoona tokko walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti Birrii miiliyoona 600 ol walitti qabuun danda’ameera jedhan.

Gama biraatiin ijaarsi daandii sadarkaa adda addaatti gaggeeffamu jiraachuu eeruun, sadarkaa naannoottii Daandii kiiloomeetira 100 ijaaruuf karoorfame hojiin qorannoo fi diizzaayinii xumuramuu kaasaniiru.

Sagantaa Waliin gahiinsa Daandii Baadiyyaatiin ammoo Daandii Kiiloomeetira 500 ijaaruuf hojiileen haalduree hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Komii rakkoo daandii yeroo garaagaraatti mul’atan furuuf qaama dhimmi ilaallattu waliin furuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Akkasumas ijaarsi buufatalee konkolaataa Qindaawaan 5 ijaaramaa jiraachuu Injiinar Mohaammad dubbataniiru.

Ijaarsi riqaalee rarraa’a kurmaana kanaaf qabaman 102% karooraan ol xumuramuus ibsaniiru.

Hawaasni qabeenya isaa kan ta’e daandii kunuunsuu fi eeguu akka qabus dhaamaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.