Namni dhuunfaan eeyyama malee hojii baankii hojjechuun biyyattii Doolaara miiliyoona 41 ol dhabsiise himatame
Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Shakkamaa dhuunfaan eeyyama Baankii Biyyaalessaan ala hojii baankii hojjechuun Itiyoophiyaa Doolaara miiliyoona 41 ol dhabsiise himatameera.
Himatamaan Fu’aad Tamaam jedhamu bara 2017 labsii waa’ee baankii ilaalchisee bahe lakkoofsa 1360/2017 keewwata 2 darbuun yakka raawwateera jedhamuun himatame.
Himatamaan kun, namoonni dhuunfaa biyya alaa jiran eeyyama seera qabeessa Baankii Biyyaalessaa irraa osoo hin qabaatiin maallaqa gara Itiyoophiyaatti erguu yeroo barbaadanitti, maallaqa kana namoota biyya alaa jiran kanneen hin to’atamne irraa walitti qabuun maqaa namootaa, lakkoofsa herrega baankii, hanga maallaqa kanaa namoota dhuunfaa Itiyoophiyaa keessa jiran 28 kanneen ragaaf dhiyaataniif dabarsuun himatameera.
Baankii Daldalaa Itiyoophiyaatti Guraandhala 10, 2013, akkasuma Sadaasa 2, 2015 guyyaa garaagaraatti lakkoofsota herreega baankii bane fayyadamuun lakkoofsonni kunneen erga banamanii eegalee hanga Sadaasa 4, 2018tti yeroo kuma 6 fi 805 Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 fi miiliyoona 8 fi kuma 19 maallaqa alaa ergaman namoota dhuunfaaf dabarseera jedhamuun himatamichaan tarreeffameera.
Maallaqichi osoo karaa seeraan biyya keessa seenee Itiyoophiyaan Doolaara miiliyoona 38 argachuu kan qabdu dhabsiiseera jechuun abbaan alangaa himata isaa keessatti eereera.
Maqaa Baankii Abiisiiniyaa, Awaash, Birhaanii fi Wagaaganiis lakkoofsa herreegaa baneen hojii walfakkaatu hojjechaa tureera.
Kanaanis Itiyoophiyaan sharafa alaa argachuuf qabdu akka dhabdu godheera jedhe Abbaan Alangaa.
Waliigalaan himatamaan baankoota eeraman fayyadamuun Maallaqa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 600 fi miiliyoona 81 fi kuma 400 ol maallaqa alaa ergame namoota dhuunfaaf dabarsuun hojii eeyyama malee hojjeteen Itiyoophiyaan Doolaara miiliyoona 41 fi kuma 90 akka dhabdu taasiseera jedhamuun himatameera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Liddataa ramaddiin dhaddacha addaa 2ffaa yakkicha ilaaleera.
Makdas Kabbadaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.