Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii ‘elektirooniki Waarfeeri’ keenya guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC)- Elektirooniki Waarfeeriin dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’aa waan dhufeef damichaan dandeettii keenya guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.

Woorkishooppiin Elektirooniksi Waarfeerii Biyyaalessaa jalqabaa mata duree “ Olaantummaa Elektiroomaagineetiki Ispeektiramii Birmadummaa Biyyaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan waltajjicharratti akka jedhanitti lola ammayyaa keessatti dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu kan ta’e damee Elektirooniksi Waarfeerii guddisuufi dandeettii biyyaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru.

Humnoota lafarraa, galaanarraa, qilleensarraafi saayibarii dabalataan olaantummaa elektirooniksi ispeektiramii mirkaneessuun birmadummaa biyyaalessaaf oolchuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Humna namaa gahumsa qabu gurmeessuufi hidhannoowwan ammayyaa hidhachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, kunis qaama tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 ta’uu qaba jedhan.

Dandeettiiwwan biyyaalessaa faffaca’anii jiran walitti qabuun hojjechuun fi dandeettii ofiin oomishuun akka barbaachisu eeranii, Woorkishooppiin kun muuxannoo damichaan qabnu teeknooloojii ammayyaa waliin tarkaanfachuuf bu’uura cimaa kan kaa’edha jedhan.

Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gama isaaniin, birmadummaa dhugaa biyya keenyaa mirkaneessuuf damichaan dorgomaa ta’uun yoo danda’ame qofaadha jedhan.

Hojiileen hojjetamaa jiran cimanii itti fufuu akka qaban ibsuusaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.