Loltummaan gootummaa fi naamusa gaarii uffachuun gufuuwwan utuu hinsodaanne cichoominaan dhaabachuu gaafata – Leetinaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC)- Loltummaan gootummaa fi naamusa gaarii gonfachuun gufuuwwan uumamaa fi namtolchee utuu hinsodaatin cichoominaan dhaabchuu gaafata jedhan Ajajaan Ajaja Duula Addaa Leetiinaal Jeneraal Shuumaa Abdataa.
Giddugalli lenjii Ajaja Duula Addaa loltoota ji’ootaaf lenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Leetinaal Jeneraal Shuumaan wayita kana akka dubbatanitti, leenjitoonni ulaagaalee calallii loltummaa bu’uuraa fi komaandoo bu’uuraa kan guutakii dha.
Ogummaan loltummaa eenyummaa gootummaa fi naamusa gaarii kan barbaadu ta’uu irra darbee, qormaata gufuuwwan uumamaa fi namtolchee utuu hinsodaatin cichoominaan dhaabachuu gaafata jedhan.
Yoo kana ta’u lubbuun daarbu seenaa hindarbine barreessuun laphee namootaa fi dhalootaa dhalootatti barabaraan jiraschuu dandeessisa jedhan.
Eebbifamtoonkibyeroo itri aanutti komaandoo, human qilleensaa, humna addaa fi farra shororkeessummaa akkasumas human eegumsaa rippaabilikaa waliin walitti makamuuf leenjii isaan dandeessisu ga’umsaan akka ba’an hubachiisaniiru.
Miseensonni fi hoggantoonni ajaja duula addaa fi humna eegumsaa rippaabilikaa Itiyoophiyaan wayita haalawwan rakkisaan mudatan hunda abdii ishee ta’uu isaanii qabatamaan kan mirkaneessan ta’uu eeruu isaanii miidiyaan onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaalitti himeera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia