Dooktar Abiy Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa simatan
Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yiin simataniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Itiyoophiyaa kan dhufan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yiin Masaraa Biyyaalessaatti simataniiru.
Daawwannichaan fedhii waloo kan ta’an hariiroo gamlamee fi dhimmoota naannawicharratti marii ni gaggeessuun kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.