Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimawaa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimawaa hundagaleessaa qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yiin daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaa jiraniin Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Ministira Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Akkaataa tumsa diinagdee, daldalaa, bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii anniisaa fi Geejjibaa, akkasuma E-koomeersii, diinagdee diijitaalaa, hubannoo namtolchee fi misooma magariisummaa qaban caalmaatti cimsuun danda’amurratti.

Mari’achaan booda ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lamaanii ibsa waliin kennaniin, murtoo fooramii Chaayinaa – Afrikaarratti darbe hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa akka muuxannootti fudhachuun hawaasa Chaayinaa – Afrikaa ijaaruuf tumsa hunda galeessa qaban caalmaatti guddisuuf walii galaniiru.

Chaayinaan hojiilee misoomaa Itiyoophiyaatti hojjetamaa jiran kan dinqisiifattu, imala guddina diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu kan taasiftuu fi gidduseentummaa alaa cimsitee kan mormitu ta’uu mirkaneessiteerti.

Itiyoophiyaanis qajeeltoo Chaayinaa tokkoo fi birmadummaa tokkummaa bulchiinsa biyyattii kan kabajdu ta’uu ibsite.

Mootummaan Chaayinaa tokkummaa biyyaalessaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisu kan deeggartu ta’uu mirkaneessiteetti.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.