Koochoon dargaggoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa milkeessuuf gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Adam Faaraahi
Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Koochoon dargaggoota Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa milkeessuuf gahee isaa bahachuu qaba jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Koochoon dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Waajjirri Muummee raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira.
Filannoon yeroo itti aanuu haqa qabeessa, diimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa akka ta’u dargaggoonni kaardii filannoo fudhachuun sagalee akka kennuu qabu jedhan obbo Adam Faaraahiin waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Kanaafiis gurmuun Koochoo dargaggoota paartii badhaadhinaa gahee irraa eegamu bahuu qaba jedhan.
Gurmuun Koochoo dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa dhaloota seenessa waloon ijaarameefi badhaadhina hundagaleessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gahee olaanaa kan qabu humna tarsiimawaati jedhan.
Filannoo biyyaalessaa bilisa, diimokiraatawaa fi ummata biratti amanamaa ta’e gaggeessuuf galma Paartiin Badhaadhinaa qabate milkeessuu keessatti Koochoon Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa kutannoo, naamusaa fi olaantummaa yaadaan hojjechuutu irraa eegama jechuun hubachiisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.