Har’a ifatti kan eegalame ijaarsa Buufata xiyyaarichaa qofa osoo hintaane, mul’ata magaalaa Bishooftuu gara Giddugala Turizimii Afrikaatti ceesisuuf kaa’amedha – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Amajjii 2, 2018 (FMC) – Har’a ifatti kan eegalame ijaarsa Buufata xiyyaarichaa qofa osoo hintaane, mul’ta magaalaa Bishooftuu gara Giddugala Turizimii Afrikaatti ceesisuuf kaa’amedha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaantii Shimallis eegalchiisaa Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu sababeeffachuun ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
Guyyaa har’aa Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD)’fi angaa’ota mootummaa olaanoo waliin ta’uun ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiifne.
Buufata kana dabalatee, hojiileen babaldhina buufataalee xayyaaraa irratti gaggeeffamaa jiran, gahee adda durummaa biyyi keenya akka balbala geejjiba qilleensaa Afriikaatti bahachaa jirtu daran cimsitee akka ittifuftu kan dandeessisudha.
Gama biroon, biyya keenya wiirtuu Afrikaafi Baha Giddugaleessaa taasisuun koriidoroota daldalaafi turizimii kan babaldhisudha.
Kanaaf, guyyaa har’aa ifatti kan eegalame ijaarsa buufata xayyaarichaa qofa osoo hintaane, mul’ata magaalaa Bishooftuu gara Giddugala Turizimii Afrikaatti ceesisuuf kaa’amedha.
Piroojektiin bu’uura misooma geejjiba qilleensaa akka Afrikaatti isa guddaa ta’e kun naannoo keenyaaf, addatti ammoo magaalaa Bishooftuuf carraa olaanaa kan qabatedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala kana duursee hubachuun qophii gahaa carraa kana fayyadamuuf dandeessisu taasisaa tureera.
Haaluma kanaan, magaalaa Bishooftuuf pilaanii muummee (master plan) haaraa qopheessuun, qabeenya umamaa, dhaala seenaafi aadaa magaalichaa akkaataa carraa pirojektiin kuni fidu madaaluun turizimii misoomsuu irratti argama.
Magaalonni Bishooftufi Shaggar, carraa kana gara tuurizimii fayyaafi keessummeessaatti (medical and hospitality tourism) jijjiiruuf pilaanii mummee isaanitiin kan akeekan yoota’u lafarrattis sochii qabatamaa jalqabaniiru.
Dabalataanis, sarara baaburaafi daandii konkolaataa Buufataalee Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleefi Bishooftuu gidduutti hojjetaman akka koriidoroota misoomaa dabalataatti fayyadamuuf qophaa’aniiru.
Walumaagalatti, hoteelota, hospitaalotam riizortoota, ‘real estate’, ‘pharmaceutical industries, wiirtuulee leecalloofi kkf babaldhisuun magaalota keenya giddugala turizimiifi dinagdee taasisuuf socho’aa jirra.
Dhumarrattis piroojektii olaanaa biyyaafis ta’ee naannoo keenyaa carraa baldhaa qabatee dhufe kana humna qabnu maraan hanga dhumaatti kan waliin dhaabbannu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.