Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu damee Tuurizimiif misiraachoo guddaa dha- Salaamaawiit kaasaa
Finfinnee, Amajjii 2, 2018(FMC) – Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu eegalamuun damee Tuurizimiif misiraachoo guddaa akka ta’e dubbatan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu hojii eegalchiisaniiru.
Salaamaawwiit Kaasaa eegalamuu ijaarsa Buufata Xiyyaaraa kana ilaalchisee ergaa dabarsaniin, geejjibni qilleensaa fi tuurizimiin dameewwan addaan hinbaanee dha jedhan.
Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu eegalamuun damee Tuurizimiif misiraachoo guddaa dha jedhan.
Boqonnaan jalqabaa Buufata Xiyyaarichaa imaltoota miliyoona 60 kan keessummeessu yoo ta’u , yoo xumuramu Afrikaan buufataalee geejjiba qilleensaa addunyaa keessaa kan jalqabaa akka taatuuf gargaara.
Yoo xumuramus imaltoota miliyoona 100 fi miliyoona 10 keessummeessuu akka danda’u eerameera.
Seenaa Afrikaa keessatti pirojeektii bu’uura misoomaa daandii qilleensaa isa guddicha yoo ta’u, dorgomtummaa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa addunyaa irratti qabu kan cimsu akka ta’es himameera.
#Oromia #Ethiopia