Fana: At a Speed of Life!

Seenessa waloo qabaachuun biyya waloo ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Waltajjiin marii qopheessummaa dhaabbilee adda addaafi hayyoota himaachise magaala Jimmaatti guyyaa lamaaf taa’amu eegaleera.

Mariin qaamolee adda addaa hirmaachise kun seenessa waloo qabaachuun ijaarsa biyyaaf gahee olaanaa qabaachuu irratti tumsa waloo qabaachuun ijaarsa biyyaa keessatti dhimma itti bahamuu akka qabuuf marii qophaa’eedha.

Seenessa waloo sabootaafi sablammoota biyyattii walitti hidhuun ijaarsa biyyaaf gahee olaanaa qaba jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan.

Itiyoophaanoonni seenessa waloo walitti hidhu danuu qabaachuun waliin jireenya baroota dheeraa qabna jedhan.

Bu’uura maleessa kan ta’eefi seenessa qeenxee qabachuun diigumsa biyyaalessaa fiduuf kanneen socho’an akka hubannoo waloo biyyattiin qabdu beekaniifi hubataniif hojiileen hojjetamaa jiru bu’aa fidaa jiraachuus eeran.

Ministerri Ministeeraa Nageenyaa Mohaammad Idiriis gama isaaniin, seenessa waloo Itiyoophiyaanota walitti hidhu danuun akka jiru hubachuun ijaara biyyaalessaa cimaa qabaachuuf furtuu akka ta’e himan.

Seenessa waloo cinaatti dhiisuun seenessa qeenxee kanneen leellisan, ijaarsa biyyaa caalaa diigumsaaf kanneen socho’an bu’aa waloo biyyaalessaaf dhaabachuu akka qaban dhaamaniiru.

Dhaloota biyya jaalatuufi seenessa walootti amanu ijaaraa deemuun murteessaa ta’uun hubatamee irratti hojjetamaa jira jedhan.

Seenessa dogoggoraa baroota keessatti muudatan ka’umsa taasifachuun walii galtee malee jiraachuufi quba walitti qabuun darbee biyya waliin qabnu dhaadhessuun, seenaa dogoggoraa muudatan irraa barachuun barbaachisaadha jedhan.

Waltajjii marii kana irratti qorannoowan seenessa waloo irratti xiyyeeffatan dhiyaatanii irratti kan mari’atamu ta’a.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.