Fana: At a Speed of Life!

Ga’ee dudhaaleen aadaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuuf hojjetamaa jira – Obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Amajji 5, 2018 (FMC) – Dudhaaleen aadaa bu’uura Dhugaa Waloo fi Seenessa Biyyaalessaa waan ta’aniif, ga’ee isaan ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuuf hojjetamaa akka jiru Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniru.

Obbo Aganyahu Tashaagar ayyaana jijjiirraa bara haaraa Saba Beenchi ‘Biisti-Baar’ jedhamu Magaalaa Miizaan Amaanitti har’a kabajameerratti akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan ambaalee adda addaa qabdu gara bu’aatti jijjiiruun badhaadhina waaraaf ka’umsa akka ta’aniif hojjechuu barbaachisa.

Itiyoophiyaan biyya aadaa hedduu qabdu fi fakkenya waldanda’uu, bakka argama uummata seenessa baaqqee fi qoqqoodinsaaf hin mijannee ta’uus yaadachiisaniiru.

Dudhaaleen aadaa kenniin bu’uura dhugaa waloo fi seenessa waloo ta’uus ibsanii, ga’ee isaan ijaarsa biyyaa keessatti qaban cimee akka ba’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

‘Biisti Baar’ ayyaana midhaan ga’e dhandhamuun gara bara haaraatti ittiin darban, galanni Uumaaf ittiin dhiyaatuu fi ayyaana dhiifamaa ta’uus yaadachiisuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromoo:

www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.