Yaa’iin biyyaalessaa qulqullina tajaajila fayyaafi Innoveeshinii gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Yaa’iin biyyaalessaa qulqullina tajaajila fayyaafi Innoveeshinii walta’iinsa Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaan Magaalaa Bishooftuutti ta’amaa jira.
Yaa’ichi akka biyyaalessaatti yeroo 9ffaafi akka Naannoo Oromiyaattimmoo yeroo 4ffaaf kan adeemsifamaa jiru.
Yaa’ii kanarratti Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa dabalatee hoggantootni fayyaa, abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee akkasumas ogeeyyiin yaala fayyaa, abbootiin Innoveeshinii naannolee garagaraa irraa walitti babba’an argamaniiru.
Yaa’icharratti Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaan haasawa taasisaniin Innoveeshiniifi qulqullina fayyaa fayyadamuun sirna tajaajila fayyaa cimaafi bu’aa olaanaa ijaaruun murteessaadha jedhan.
Akkasumas odeeffannoo sirnaawaa fayyadamuun qulqullina tajaajila fayyaa itti fufiinsaan fooyyessuun barbaachisaa akka ta’es dubbatan.
Yaa’ii kanarratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Aadde Saarallaah Abdullaahiin gama isaaniin walitti dhufeenya dameewwan seektara fayyaa garagaraa cimsuun furmaata Innoveeshinii uumuufi babaldhisuun barbaachisaa ta’uu himan.
Ragaa fayyaa cimsuun murtii odeeffannoo irratti hundaa’e jabeessuufi qulqullina fayyaa fayyadamuun sirna tajaajila fayyaa daran babaldhisuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gama kanaan Itiyoophiyaaf tumsa guddaa taasisaa jira jedhan.
Toleeraa Bojaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.