Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti Oomishni Xaafii Buusaa Gonofaa sassaabbame

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) –Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Giraar-jaarsootti Oomishni Xaafii Buusaa Gonofaa sassaabbamee gumbiitti galaa jira jedhe Waajjirri Buusaa Gonofaa Damee Godinichaa.

‎Dhaloota kennaa aadeffate, jaalalaa hojii fi namoomaa qabu uumuun, aadaa fi duudhaa walgargaarsa ummataa deebisuu, hawaasa balaa uumamaa fi nam-tolcheetiif saaxilaman deeggaruu, baraaruu fi dandamachiisuun alaatti dhaabbata cimaa Uummata Oromoo irra darbee biyyaaf wabii ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhan Itti Gaafatamtuun Waajjira Buusaa Gonofaa Damee Godina Shawaa Kaabaa Addee Furtuunaa Tasfaayee.

Buusaa Gonofaan godinichaa hanga ammaatti miseensota kuma 900 horachuu fi Birrii miiliyoona 28 ol walitti qabuu dubbatan.

Bara kanas Buusaa Gonofaan waliigala lafa hektaara 82 ol irratti midhaan gosa garaagaraa misoomerra hanga ammaatti callaa kuntaala kuma 1fi 100 ol gumbiitti galchuu himan.

Hojii Buusaa Gonofaan qonnaan bultoonni Aanichaas qonna irraa eegalanii hanga sassaabbiif qaqqabutti kunuunsa barbachisaa taasisaa turuu Bulchaan Aanaa Giraar Jaarsoo Obbo Abarraa Boggaalaa ibsaniiru.

Oomishni Buusaa Gonofaa aanaalee godinichaa garaagaraa keessatti misoome waloomaan sassaabamuu Waajjira Kominikeeshinii godinichaatti abbaan adeemsa hojii kenniinsa odeeffannoo Miidiyaa obbo Salamoon Zawdeen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.