Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffiin magaalaa Finfinnee giddugala daldalaafi invastimantii taasisuu cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Tattaaffiin magaalaa Finfinnee giddugala daldalaafi invastimantii taasisuu cimee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ‘Carrefour’ Paatiriik Laasfaargas fi Ambaasaaddara Faransaay Aleeksiis Laameek waliin carraawwan tarsiimawaa invastimantii magaalichaa irratti mari’achuu ibsan.

Marii isaaniin bu’uura waliigaltee ‘Carrefour’ Giruuppii Invastimantii MIDROC waliin mallatteesseen haala mijataa gabaa Itiyoophiyaa ittiin seenuu danda’u fayyadamuun walitti hidhamiinsota daldalaa sadarkaa idil addunyaa eeggatan cimsuufi biraandiiwwan idil addunyaa bebbeekamoo gara magaalichaatti fiduuf waliin hojjechuuf waliigalleerra jedhan.

Tattaaffiin magaalaa Finfinnee giddugala daldalaafi invastimantii gochuu cimee itti kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.