Naannichatti sosochiin eegumsa biyyoo fi bishaanii eegalame
Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti sosochiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bara kanaa Godina Hadiyyaatti eegalameera.
Sosochiin kun bakka Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Indaashaw Xaasew dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa biroon argamanitti eegalameera.
Lafa hektaara kuma 200 fi kuma 90 fi 545 irratti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjechuuf karoorfamuutu ibsame.
Sululawwan kumni 1 fi 294 adda bahuu fi lammiileen miiliyoonni 1 fi kumni 900 duulicharratti ni hirmaatuun eegama.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.