Filannoon Biyyaalessaa milkiin akka xumuramuuf qophii gahaan taasifame – Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Filannoon Biyyaalessaa marsaa 7ffaan milkiin akka xumuramuuf qophii ga’aan godhamuu Pireezidaantii Itti aanaan paartii Badhaadhinaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Muummicha Paartichaa Adam Faaraah ibsaniiru.
Raawwiinn hojii paartichaa kan ji’oota ja’aas bara 2018 gamaaggamamaa jira.
Obbo Adam waltajjii kana irratti akka jedhanitti, filannoon biyyaalessaa 7ffaan milkii fi nagaan akka geggeeffamuuf qophii ga’aan godhameera.
Haalli nageenyaa naannoolee filannoo hundaa gamaaggamamee akka paartii mootummaa bulchuutti hojiiwwan nageenyaa filannoo gaggeessuuf dandeessisan hojjetamaa jiraachuu dubbatanii, filannicha irratti ga’umsaan hirmaachuufis qophii ga’aan jiraachuu dubbataniiru.
Hojiiwwan misoomaa karaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneesseen hogganuun nageenya waaraa mirkaneessuuf yaaliin godhame bu’aalee jajjabeessoo galmeessuu danda’uus dubbataniiru.
Inisheetiiviiwwan fi hojiiwwan paartichaa nama bu’uureffatan bu’aa fooyya’aa kan galmeessisan ta’uu ibsanii, humna kuufamaa bakka hunda jiru adda baasnee itti fayyadamuun bu’aaleen guddina biyyaaf gumaachan galmaa’aniiru jedhan.
Walitti dhufeenya uummataa cimsuun seenessi obbolummaa sabadaneessummaa akka cimu ta’uus dubbatanii, kunis tokkummaa biyyaalessaa akka jabeesse himan.
Ji’oota ja’an darbanitti hoggansa yaadama siyaasaa sirriitti hubate uumuuf hojiiwwan hojjetamaniin ga’umsi hoggansaa guddachuu fi kanaanis paartichi gurmaa’insaa fi hojimaataan guddachuu danda’uus dubbataniiru.
Olaantummaa seenessa waloo bal’isuuf hojiiwwan miidiyaa fi kominikeeshiniin hojjetamanis bu’aa fiduu kan dubbatan obbo Adam, kanaanis fudhatamni paartichaa guddachuu danda’eera jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.