Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti bakkeewwan ayyaanni Cuuphaa itti kabajaman duulaan qulqullaa’aan

Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan ayyaanni Cuuphaa fi Kataraa itti kabajaman duulaan qulqullaa’aniiru.

Ayyaanni Cuuphaa haala duudhaa isaa eegeen akka kabajamu duulli qulqullinaa mata duree ‘Ayyaana Cuuphaa qulqullinaan’ jedhuun kutaalee magaalichaa garaagaraa keessatti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan Waldaan Dargaggoota Magaalaa Finfinnee Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii magaalichaa waliin ta’uu naannawaa Hurufa Boombii qulqulleessaniiru.

Waldaaleen dargaggootaa kutaa magaalota hundaa, tola ooltoonnii fi kutaaleen hawaasaa saganticharratti hirmaataniiru.

Dabalataan kutaalee magaalichaa hunda keessatti duulli qulqullinaa hoggantoota mootummaa, hojjettoota, abbootii amantaalee fi kutaalee hawaasaa hirmaachise gaggeeffameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.