Du’aan boqochuu Artiisti Natsaannat Warqinaa hordofee Dooktar Abiy ergaa gaddaa dabarsan
Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Du’aan boqochuu Artiisti Natsaannat Warqinaa hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa gaddaa dabarsaniiru.
Artiistii gameessi Natsaannat Warqinaan addunyaa kanarraa du’aa boqochuu isaatti gaddi natti dhagahameera jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.
Keessattuu Artiisti Natsaannat bara haaraa 2016 ilaachisee sagantaa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti qophaa’erratti gumaachi inni bahate yeroo hunda kan yaadatamuudha jedhan.
Ayyaana bara haaraa gammachuun akka simannu nu taasisee ture jechuun ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad Maatii fi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawwaniiru.