Fana: At a Speed of Life!

Humnaa fi cimina qabnu dhaloota dhufuuf akka darbutti mul’isuun nurraa eegama – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 10, 2018 (FMC) – Humnaa fi cimina qabnu dhaloota dhufuuf akka darbutti qabeenya Itiyoophiyaa mul’isuun nurraa eegama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin erga dabarsaniin, yaadama Mootumma Ida’amuutiin damee dhuunfaa, Uumaamaa fi qabeenya kaleessaa boruu keenya walitti qaba jedhan.

Piroojektii Maaddii Dhalootaa har’a eebbifneen kana ifatti argineerra jechuun ibsaniiru.

Hojiin kun meeshaalee ijaarsaa naannawichatti argamanii fi qabeenya naanawichaan kan ijaaramaniifi itti fufiinsaa fi abbummaa kan calaqqisiisudhas jedhan.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan Aadaa, Uumamaa fi seenaan kan badhaatee ta’uu isheen, humnaa fi cimina har’a qabnu akkaataa dhaloota dhufuuf akka darbutti mul’isuun nurraa eegama jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.