Fana: At a Speed of Life!

Kabaja Ayyaana Cuuphaa Gondaritti

Finfinnee, Amajii 11, 2018 (FMC) – Sirni ayyaana Cuuphaa magaalaa Gondar galaana Cuuphaa Faasiliidasitti geggeeffamaa jira.

Sirna kana irratti Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee, Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagarfi Ministirri Muummee itti aanaan Tamasgeen Xurunaa argamaniiru.

Akkasumas Pirezidaantiin naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, Ministirri Indaastirii Malaakuu Allebal, gorsaan dhimmoota hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibirat fi hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Ayyaanichi haala addaan bakka itti kabajamaa jiru galaana Cuuphaa Faasiliidas irratti tuuristoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan fi amantoonni hedduun aragamaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa Iyyeesuus Kiristoos idaa cubbuu ilmaan namootaa balleessuuf galaana Yoordaanositti cuuphamuu isaa yaadachuuf kan kabajamuu dha.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.