Fana: At a Speed of Life!

Sirni kabaja Ayyaana Cuuphaa hawwata tuurizimii magaalaa keenyaa ta’ee itti fufa- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC) – Sirni kabaja Ayyaana Cuuphaa hawwata tuurizimii magaalaa keenyaa ta’ee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Finfinnee Hurufa Boombiitti karaa duudhaa isaa eeggateen kabajamaa jira.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa sirna kabaja ayyaanichaarratti dabarsaniin, Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti agarsiistuu lammata dhalachuu ta’uu kaasaniiru.

Gooftaa Yesuus Kiristoos jaalala dhala namaaf qaburraan kan ka’e dhala namaa hunda fayyisuuf qulqullittii Maariyaam irraa Beeteliheemitti dhalachuun galaana Yoordaanositti cuuphamuu isaa Kitaabni Qulqulluun ni ibsa jedhan.

Kaayyoo ijoon Ayyaana Cuuphaa gochaa Gooftaa Yesuus Kiristoos raawwate fakkeenya godhachuun jiraachuudha jedhanii, Ayyaanicha jibbaafi haaloo irraa fagaachuun, keenyaa walirraa fageenyaa diiguun jaalalaan kabajuun akka barbaachisu dhaaman.

Ayyaanni Cuuphaa ‘UNESCO’ hambaa kiliyaatti erga galmaa’ee waggoonni 6 darbuu yaadachiisanii, ayyaanichi qabiyyee amantaa dabalataan ayyaana aadaa, afaaniifi tokkummaa sabdaneessaa keenya addunyaatti ittiin beeksisnudha jechuun ibsaniiru.

Finfinneen fakkeenya tokkummaa sabdaneessummaan qulqullooftee, faayamtee fi miidhagdee ayyaanichaaf dammaqina addaa kennuu eeruun, haaluma Kanaan tuuristoonni hedduun ayyaanicharratti akka argaman gochuun danda’amuu ibsan.

Bu’aa kana galmeessisuuf bulchiinsi magaalichaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin tumsaan hojjechaa akka ture kaasanii, milkaa’ina ayyaanichaaf qaamolee tumsan hunda galateeffataniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.