Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi Waraqaa eenyummaa dijitaala biyyaaleessaa dhimma ijaarsa biyyaati _ Dooktar Mangistuu Baqqalaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2018 (FMC) – Dhimmi waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaaleessaa dhimma mirga lammiilee, wal amantaa uummataa fi mootummaa fi ijaarsa biyyaati jedhan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan.

Mootummaan lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaala biyyaaleessaa akka galmaa’an gochuun tajaajila Mootummaa haqaan akka argatan taasisuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjetaa jira.

Guyyaa har’aas sirni jalqabsiisa galmeessa waraqaa eenyummaa dijitaaalaa biyyaaleessaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa bakka hooggantoonni olaanoo fi qooda fudhattoonni argamanitti gaggeeffameera.

Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin, Waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaaleessaa qaama riifoormii Mootummaa ta’uu himanii kana milkeessuufis xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jira jedhan.

Waraqaan eenyummeessaa dijitaalaa kun rakkoo kenna tajaajilaa irratti mul’atu maqsuun hawaasni tajaajila mootummaa haqaan akka argatu gochuu keessattis shoora olaanaa kan qabuu ta’uu himaniiru.

Lammiin kamuu waraqaa eenyummeessaa tokko akka qabaatu gochuun qabeenya jiruu haqaan akka fayyadamu ni taasisas jedhan.

Qonnaan bulaafi horsiisee bulaanis waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuun tajaajila Mootummaa haqaan akka argatu ni hojjetamas jedhaniiru.

Waraqaa eenyummeessaa dijitaalaa kana yeroo gabaabbate keessatti akka galmaa’uufis qooda fudhattoonni hundi qindoomina olaanaan hojjechuu akka qaban Dooktar Mangistuun hubachiisaniiru.

Hoggantuun Biiroo Lafa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gamasaaniin, qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaaleessaa yeroo gabaabaa keessatti akka galmaa’an gochuuf seektaraaleen qooda fudhattootaa qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa kanarrattis qooda fudhattootaaf hubannoon uumamuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.